Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

Itti aanaa daayreektara olaanaa Koorporeeshinii Sukkaaraa kan turan obbo Kiroos Dastaa to’annaa jala oolan


Finfinnee, Adoolessa 28, 2009 (FBC)- Faanaa Broodkaastiing Koorporeet odeeffannoo argateen namoonni malaammaltummaan shakkamanii amma ammaatti to’annaa jala oolfaman 51 qaqqabaniiru.

Har’a galgala itti aanaa daayreektara olaanaa Koorporeeshinii Sukkaaraa kan turan obbo Kiroos Dastaanis malaammaltummaan shakkamuun to’annaa jala oolaniiru.

Obbo Kiroos Koorporeeshinichatti damee misooma manneenii fi jallisii hogganaa turaniiru.

Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa waggoota hedduuf daayreektara olaanaa ta’uun kan hogganan obbo Zaayid Waldagabiri’eel yakka malaammaltummaan shakkamanii too’annoo jala oolfamaniiru.

Itti aanaa daayreektara abbaa taayitichaa kan turanii fi ji’a Adoolessaa darbee jalqabee daayreektara olaanaa Eejansii Qindoomina Bu’uura Misoomaa ta’uun hojjataa kan turan obbo Baqqalaa Niguseenis torban darbe too’annoo jala oolfamuun isaanii kan yaadatamudha.

Haala walfakkaatun, Manni Maree Bakka Buutota Ummataa mirga himatamuu dhabuu isaanii kan irraa kaase, ministir deettaa Ministeera Maallaaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee obbo Alamaayyoo Gujoon guyyaa har’aa too’annoo jala oolfamaniiru.

Hanga yoonaa qondaaltonni, daldaltoonnii fi faddaaltonni malaammaltummaan shakkamanii to’annaa jala oolfaman 51 qaqqabaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published.