Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

Mootummaan lammiileen rakkoo malee Saawdii Arabiyaadhaa gadhiisanii akka ba’an sochii eegale akka cimsee itti fufu ibse


Finfinnee, Waxabajjii 2,2009(FBC)-Lammiileen eeyyama hojii fi jireenyaa Saawdii Arabiyaatti hin qabne yeroon laatame osoo hin dhumin, rakkoo mlee akka gara biyyaatti deebi’an mootummaan sochii eegale akka cimsu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibse.

Lammiileen biyyoota alaa deemanii hojjechuu fi jiraachuuf mirga qabu kan jedhe ibsichi, eeyyama jireenyaa fi hojii garuu qabaachuun barbaachisaadha jedheera.

Mootummaan lammiileen ala jiraatan rakkoof akka hin saaxilamne hojjechuun, ba’aa yammuu jedhamanis mirgi isaanii eegameefii gara biyyaatti akka deebi’an itti gaafatama cimaan dirqamasaa ba’achaa jiras jedheera ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ergeen.

Lammiileen Saawdii jiraatanis yeroo biyyattiin laatte keessatti gara biyyaatti akka deebi’an lammiilee fi dhalootan Ityoophiyaanota kan ta’an gumaacha taasisaa jiran akka cimsan waajjirichi waamicha dhiyeessera.

Ummannis mootummaa cinaa dhaabbachuun, guyyoota hafan keessatti lammiileen eeyyamaa hojii fi jireenyaa hin qabne Saawdiidhaa gara biyyaatti akka deebi’an ga’eesaa akka ba’atus gaafateera.

Saawdii Arabiyaan lammiileen biyya alaa eeyyama jireenyaa fi hojii hin qabne biyyattii gadhiisanii akka ba’an kan labsite Bitootessa 21,2009 kan eegale yammuu ta’u, Waxabajjii 20,2009 dhuma.