Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

Hoospitaalli Riifaraala Yuunvarsiitii Wallaggaa ebbifame


Finfinnee, Waxabajjii 2,2009(FBC) – Hoospitaalli Riifaraala Yuunvarsiitii Wallaggaa Birrii miiliyoona 165 oliin magaalaa Naqamteetti ijaarame ebbifame.

Hoospitaalicha preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa har’a ebbisanii tajaajila eegalsiisaniiru.

Sirna kanarratti obbo Lammaan haasaa taasisaniin, dhaabbilee misoomaa mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jiru keessaa tokko dhaabbilee fayyaa ta’uu ibsanii, kanneen keessaa hospitaalli kun isa guddicha jedhaniiru.

Kaayyoon mootummaas ummata fayya qabeessa ta’e horachuun, misooma eegalame itti fufsiisudha jedhan.

Hoospitaalichi ummata lixa Oromiyaa dabalatee ummata naannolee ollaa Beenishaanguul Guumz, naannoo Amaaraa fi Gaanbeellaa; walumaa galatti namoota miliyoona 5 oliif tajaajila akka kennu hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.

Tajaajila fayyaa kennu cinaatti dhaabbata barnoota fayyaa, qorannoo fi qo’annoo ta’ees akka tajaajilu ibsaniiru.

Hospitaalli kun ogeeyyii fayyaa ispeeshaaliistoota 9, hakiimoota walii galaa 36 fi ogeessota adda addaa, hojjettoota deeggarsaa 200; walumatti namoota 400 oliin hojiisaa eegaleera.

Hospitaalichi meeshaa amma guutameefirratti humna guutuudhaan akka hojjetu meeshaaleen barbaachisan Birrii miiliyoona 160 oliin bitamuuf adeemsarra jiraachuusaa Dooktar Darajjeen himaniiru.

Hoospitaalli kun bara 1999 ture ijaarsisaa kan eegale.

Gama birootiin Warshaa Cuunfaa Maangoo fi Timaatimaa tokkos barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoorraa bahan kanneen waldaleedhaan ijaaramanii fi Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Oromiyaa waliin Birrii miiliyoona 36 oliin ijaaruuf dhagaan bu’uuraa preezdaant Lammaan kaa’ameera.

Kana malees barsiisota magaalaa Naqamtee mana jireenyaa hin qabne 262 kanneen waldaalee 19n ijaaramaniif eddoon manaa kennameefii jira.

Maddi; Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa