Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

Daandiin asfaaltii Dirree Dawaa-Dawwallee ji’oottan 3n dhufanitti ni xumurama


Finfinnee, Waxabajjii 10,2009(FBC)-Ijaarsi daandii asfaaltii koonkiriitii Dirree Dawaa-Dawwallee kiiloo meetirri 223 Birrii biiliyoona 4.6n gaggeeffamaa jira.

Ijaarsi daandichaa 79% xumuramuusaa daayreektarri koominikeeshinii Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa obbo Saamsoon Wandimmuu ibsaniiru.

Daandichi cirracharraa gara asfaaltii koonkiriitiitti kan ol guddatu yammuu ta’u, dhaabbata Chaayinaa “CGC Overseas” jedhamuun hojjetamaa jira.

Imalli konkolaataa fe’umsaaf kanaan dura guyyaa guutuu fixaa ture ijaarsi daandichaa yammuu xumuramu, gara sa’aa 3-4tti gabaabbata jedhan obbo Saamsoon.

Yeroo imalaa gabaabsuun ala, hawaasni geejiba filannoon akka argatuu fi buufata Jibuutiitti dhiyeenyan oomishaalee alatti erguu fi gara biyyaas galchuuf haala mijataa akka uumuu danda’u ibsaniiru.

Fulduratti kan ijaarramu daandii ariitii Adaamaa-Awaash-Mi’eessoon kan walqunnamsiisus waan ta’uuf, tajaajila geejibaa baha biyyattii fi buufata Jibuutiif haala mijataa uuma.